Akkuma beekkamu, karaa YouTube chaanaala kiyyaa sa’aawwan 4,000 fi subscribers 1,000 ol guutuun YouTube kiyya monetize godheera.
Muuxannoon waggaa kana keessa irraa argadhee fi akkasumas wantoota kana argachuuf godhuu qabdan gabaabsee isiniif himuu barbaada. Barreeffama kana hanga dhumaatti dubbisuun, obboleewwan keessaniif share godhuu akka hin daganne gamanumaan isiniif dhaamuun barbaada.
YouTube irratti Sa’aawwan 4,000 fi Subscribers 1,000 Guutuu
YouTube irratti milkaa’uuf wantoonni gurguddoon nu barbaachisan:
1. Walitti Aansuu (Consistency)
YouTube irratti milkaa’uuf walitti aansuun (Consistency) murteessaadha. Wanti barbaannu YouTube irratti hojjannu kamuu, walitti aansuun hojjachuun guddina chaanaalii mirkaneessa.
Namni tokko YouTube erga banee, yoo walitti aansee viidiyoo hojjate, sa’aawwan 4,000 fi subscribers 1,000 yeroo muraasa keessatti guutuu danda’a. YouTube qofaa miti, hojii kamuu yoo eegalle, yeroo fudhata. Garuu, hojii tokko eegaluun salphaadha, xumuruun immoo ulfaata.
Namoonni hedduun YouTube irratti kufaniif sababiin isaanii hojii eegaluun osoo hin taane, walitti aansuu dhabuudha. Ani walitti aansuun hojii hojjechuun sa’aawwan 4,000 fi subscribers 3,000 ol argadheera.
2. Maallaqa irratti Hin Xiyyeeffatin, Hojii Cimaa Hojjedhaa
Namoonni baay’een yeroo YouTube jalqaban, mindaa argachuuf xiyyeeffatu. Garuu, mindaa argachuun yeroo fudhata. Kanaaf, jalqaba irratti muuxannoo horachuun, hojii irratti cimina gochuun barbaachisaadha. Osoo mindaa irratti hin xiyyeeffatin, hojii cimsuu fi maammaltoota hawwachuuf hojjachuun mindaa gaarii fuulduraaf fidee gaha.
3. Obsa Qabaadhaa
YouTube irratti milkaa’uuf obsa qabaachuun dirqama. Youtuberoota Oromoo hedduu yeroo ilaallu, dafanii abdii kutuun YouTube lakkisu. Kun obsa dhabuudhaan dhufa. Namni kamiyyuu YouTube irratti milkaa’uuf obsa qabaachuu qaba. Hojii tokko yeroo jalqabu, yeroo fudhata. Kanaaf obsa fi cimina qabaachuun barbaachisaadha.
4. Dandeettii fi Muuxannoo Horadhaa
YouTube irratti milkaa’uuf dandeettii qabaachuun murteessaadha. Fakkeenyaaf, namni tokko haasaa nama hawwatu yoo hin qabaatin, viidiyoo isaa nama hawwachuuf dandeettii horachuu qaba. Haasaa nama bohaarsu qabaachuu baannaan, akkaataa ittiin odeeffannoo dhiheessan irratti hojjachuun barbaachisaadha. Kanaaf, jalqaba YouTube banachuuf, dandeettii fi muuxannoo qabaachuun dirqama.
Yaada yoo qabaattan, comment keessatti naaf dhiisaa! Akkasumas, namoota biroof share godhaa, akka isaanis baratan. Waan dubbiftaniif galatoomaa!
Akkuma beekkamu karaa youtube chaanaal kiyyaa sa'aa kuma 400 fi akkasumas Subscribers kumaa ol argadhee youtube kiyya monitize godheera.
Muuxannoon waggaa kana keessa irraa argadhee fi akkasumas wantoota kana argachuuf godhuu qabdan gabaabseen isiniif himuu barbaada.
Barreeffama kana haga dhumaa dubbisuun obboleewwan keessaniif share godhuu akka hin daganne gamanumaan isiniif dhaamuun barbaada.
Kallattumaa gara barnoota keenyaa yammuu deebinu youtube irratti maammaltoota ykn subscribe kumaa olii fi akkasumas sa'aa kuma afur guutuuf wantoota armaan gadii nu barbaachisa.
1ffaa walitti aansuu:
Kana yero jannu walitti aansuun qulfii tahuu isaati, waan barbaadde youtube irratti hojjattuus wantoota hojjattu walitti aansuun Guddina chaanaalii qulfii akka tahe nutti mullisa.
namni tokko youtube erga banee walitti aansee viidiyoo hojjannan sa'aan kuma 4 fi subscribers yeroo muraasa keessatti guutuu danad'a.
Kana yeroo jannu youtube tahee wantoota kamuu yammuu eegallu Consistency ykn immoo walitti aansuu nu barbaachisa.
Akkuma beekkamu wanta tokko eegluun akkuma laaffatu, garuu xumuruun baayyee cima.
Namoonni hedduun kan kufaniif xumuruu dadhabuu osoo hin taane, waitti aansanii hojjachuu ykn Consistency dhabuudha.
Ani walitti aansuu Consistency fayyadamee sa'aa 400 fi subscribe 3 ol argadheera.
Kana yoo jannu,namni waan tokko irratti hojii yoo eegalu,kafaltii ykn Maallaqa barbaada.
Haa ta'uu malee, namni tokko mindaa gaarii argachuuf muuxannoo waan tokkoo ykn waan eegaluu barbaaduu san qabaachuu qaba.
Osoo maallaqa irratti hin xiyyeeffatin, ciminaan jojjachuun mindaa gaariin fuulduraa akka argamu godhuudha.
kana malees namni tokko youtube irratti milkaawuuf obsa qabaachuun dirqama, youtuberoota oromoo hedduu yeroo ilaallu dafanii abdiin murachuun youtube isaanii lakkisu, kun kan tahe obsa dhabuudhaa irraa kan dhufu yoo tahu, abdiin mrachuun ammoo wanatoota kamiifuu abdii murachuun nama gaha.
namni kamiyyuu youtube irratti milkaawuuf obsa qabaachuun dirqama, kana malees dandeettii waan tokko hojjachuu qabaachuun dirqama. fakkeenyaaf namni tokko dandeettii ykn immoo haasaa nama bohaarsu hin qabu taanaan, haasaa ittiin nama kakkaasu tahee oduu garaagaraa akkaataa ittin himan qabachuu baannaan waan youtube banataniif hin jiru.
kanaaf jalqaba irratti osoo youtube banachuuf hin deemin dandeettiis tahee ykn waan hawaasaaf ykn maammilaaf dhiheessitu qabaachuun dirqama.
Xumura
Kanaaf, yoo YouTube irratti milkaa’uuf barbaadde: ✔️ Walitti aansuu qabaadhaa
✔️ Obsa qabaadhaa
✔️ Dandeettii fi muuxannoo horadhaa
✔️ Waan maallaqa qofaan hin eeggin, hojii cimaa hojjadhaa
1 Comments
Ghhhh
ReplyDelete