Tiktok Bade Akkamiin Deebisna? | How To Secure Tiktok Account?

Namoota hedduu jalaa Tiktok baduu ykn immoo Paaswardii irraanfachuun kan jalaa badu danuudha.

Gaafiiwwan karaa sooshiyaal miidiyaa adda addaatiin gaafatamu keessaa ijoon akkaataa Tiktok nu jalaa bade ykn immoo Paaswardii isaa irraanffanne akkamitti deebifachuu dandeenyaadha.

Guyyaa arraa akkaataa Tiktok chaanaal nu jalaa bade ykn Paaswardii irraanffanne akkamitti akka deebisnuun isin barsiisa.


Baga nagayaan gara Blog kiyyaa dhuftan jachaa kallattumaan gara barnoota keenyaa dabarra.
Jalqaba mee gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii haga tokko kannina.


Tiktok akkamitti baduu danda'a?


Namoonni hedduun Tiktok tahee sooshiyaal miidiyaa biroo wantoota tokko qofa fayyadamuun ( lakkoofsa bilbilaa ykn immoo Email) keessaa tokko qofa fayyadamuun Miidiyaalee isaanii banatu.


Namoonni haala akkanaan banatan miidiyaa ykn immoi Tiktok dabalatee guutumaan guututti dhabu.


Fakkeenyaaf namni tokko yoo bilbila qofaan Tiktok banate,akka tasaa yoo paaswardii irraanfatee bilbilli isaas hatame ykn bade,Tiktok isaa guutumatti bade jachuudha.


Kanaaf namni tokko sooshiyaal miidiyaa isaa Tiktok dabalatee wantoota lamaan  Email fi Lakkoofsa bilbilaa fayyadamee banachuu qaba.
Akka tasaa Paaswardii yoo irraanffanne akkamitti deebisuu dandeenya?


Namni tokko akka tasaa yoo paaswardii irraanfate karaalee lamaan Tiktok isaa deebisuu danda'a.


  • Tokkoffaa yoo Lakkoofsa banateen beeke fi
  • 2ffaa immoo yoo Email banateen beeke qofa. 

Namni Tiktok isaa jalaa bade ykn Paaswardii irraanfate haala armaan gadiin Tiktok isaa deebisuu danda'a.

Hub.furmaanni kun yoo Lakkoofsi Tiktok keenyaan bananne nu harka yoo  jiraateedha.
Ykn immoo yoo Email bananneen veeyne qofa. 
Jalqaba irratti Aappii Tiktok keenyaa ni seenna.
Erga aappii seennee iddoo Account ja'u ykn immoo iddoo "Add Account" barbaaduun filanna.
Haala footoo armaan gadiin
Erga iddoo sana filannee immoo amma mobile keenya gama jalaa irratti iddoo "Log In" jattu barbaannee cuqaasna.
Erga iddoo log in cuqaasnee haala armaan gadiin Tiktok keenya irratti nuuf dhufa.
Akkuma footoo irratti argitan namni tokko Tiktok jalaa bade deebifachuuf ykn kan Paaswardii irraanfate jachuu,
Wantoota lamaan irraa tokko dirqama qabaachuu akka qabu nutti agarsiisa.
Innis Email ykn immoo lakkoofsa bilbilaati jachuudha.
Erga lameen keessaa tokko qabaannee immoi iddoi inni nu gaafatutti lakkoofsa bilbilaa ykn immoo Email keenya galchuun sends code kan ja'u sana cuqaasuudha.
Paaswardii yoo irraanffanne akkamitti jijjiirra?
Namni tokko Paaswardii isaa jijjiiruuf isteeppiiwwan armaan gadii akkan fayyadoodha.
1ffaa username ( @murretips ,@Avalu ) Ja'amee maqaa nuuf kanname fayyadamuun,ykn bilbila ykn immoo Email keenya fayyadamuun iddoo "Forgot " jattu cuqaasna.
2ffaa message lakkoofsa bilbilaa ykn immoo Email keenya irratti koodii 1_5 nuuf erga.
Koodii san fuudhuun iddoo inni nu gaafatetti guunna.
Sana booda kallattumaan Paaswardii haarawa akka bakka buusnu nu gaafata.
Paaswardii haarawa bakka buusuun xumuranna jachuudha.
Akka irraa gammaddan abdiin qaba.

Gaaffiis tahee yaada keessan comment jala naaf kaayuun namoota biroof share godhaa!!


Waan dubbistaniif baayyee galatoomaa!!
Nagayaan turaa!


Barnoota Tiktok akkaataa itti banattan fi akkaataa tti secure gootan mara chaanaal kiyya keessaa argattu.

Viidiyoon armaan gadii akkaataa Tiktok chaanaal karaa sirriin itti banachuu dandeenyu nu walduraa duubaan nu barsiisa.

Barreeffama Gabaabaa kana irraa waan tokko akka barattan abdiin qaba.
Yaadaas tahee gaaffii yoo qabaattan karaa komentii naaf kaayuu ni dandeessu.
Namoota biroof share godhuun akka fayyaddan abdiin qaba.
Waan dubbistaniif baayyee galatoomaa!!
Nagayaan turaa!!

Post a Comment

7 Comments