Facebook haala salphaan hatamuu danda'a yoo akka barbaachisu ta'ee hin eegamin. Akkasumas, namoonni baay'een paaswordii salphaa fayyadamuun ykn eeggannoo gahaa godhuu dhiisuun rakkoo akkasii mudachuu danda'u. Kanaaf, barreeffama kana keessatti akka Facebook keessan hin hatamneef toftaa fi eeggannoo barbaachisoo dhiyeessineerra.
1. Paaswordii Jabaadha Fayyadamuun
Paaswordii salphaa fayyadamuun hatamuu salphisa. Kanaaf, paaswordii sirrii fayyadamuun baay'ee barbaachisaadha. Akkaataa paaswordii jabaataa tolchanii fi wantoota irraa of eegu qabnu armaan gaditti tarreessinee jirra:
1.1. Maqaa Keessan Haala Salphaan Hin Fayyadamin
Namoonni baay'een maqaa isaanii paaswordii godhatu. Fakkeenyaaf:
"Abdi1234"
"Fatuma2024"
"JemalBilisuma"
Maaloo, kana irraa of qusadhaa! Maqaa keessan qofaan ykn maqaa fi lakkoofsa walitti makuun paaswordii gochuun nama kamiyyuu salphatti eeruu dandeessisa. Akkasumas, jechoota salphaa akka "password", "123456", "qwerty", fi "facebook2023" hin fayyadaminaa.
1.2. Email Keessan Keessattuu Hin Fayyadamin
Namni tokko yeroo jalqabaatti paaswordii keessan jechuuf maqaa keessan ykn email keessan taphatti. Kanaaf, yeroo email keessan fayyadamtu:
"Abdi@gmail.com" fi "Abdi2023" jedhu akka walitti hin makamne mirkaneessaa.
Paaswordii keessan keessatti maqaa email keessan fayyadamuun balaa fida.
1.3. Lakkoofsa Bilbilaa Keessan Hin Fayyadamin
Namoonni baay'een maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii walitti makuun paaswordii godhu. Kun immoo mala salphaa dhaabbilee seeraan alaa, hackerri, fi namoota yaadaan hamaa qabanitti salphaa taasisa. Fakkeenyaaf:
"0912345678"
"Abdi0912"
"20241999"
Kanaaf, lakkoofsa bilbilaa keessan ykn lakkoofsa dhalootaa keessan paaswordii keessan keessatti hin fayyadaminaa.
1.4. Maqaa Qoosaa (Nickname) Hin Fayyadamin
Maqaa qoosaa ykn user name keessan paaswordii keessan keessatti fayyadamuun balaa fida. Fakkeenyaaf, maqaa qoosaa keessan akka "Jaju", "Balaaleffataa", "Nagumaa", fi kkf paaswordii keessan keessatti fayyadamuu dhiisaa.
1.5. Jechoota Salphaa Hin Fayyadamin
Jechoonni salphaan akka:
"password"
"pass123"
"admin"
"facebook"
Hattootaaf salphaa dha. Kanaaf, akkaataa paaswordii jabaataa tolchan hubadhaa.
1.6. Akkamitti Paaswordii Jabaataa Tolchuu Dandeenya?
Paaswordii jabaataa tolchuuf wantoota armaan gadii fayyadamaa:
Quabee gurguddaa fi xixiqqaa makaa (A-Z, a-z)
Lakkoofsa makaa (0-9)
Mallattoolee addaa makaa (!@#$%^&*)
Jireenya keessan waliin walitti hidhachuu hin qabdu (maqaa, dhaloota, fi lakkoofsa bilbilaa)
Fakkeenya Paaswordii Jabaataa:
"@2021+2023Abc!"
"P@ssw0rd$trong2023"
"#M!ll!onsWin@2024"
2. Paaswordii Keessan Namatti Hin Himinaa
Yeroo baay'ee namoonni rakkoo tokko qabaatan, hiriyyoota isaaniif paaswordii isaanii himu. Kun immoo balaa guddaa fida:
Hiriyyaan keessan yoo haala sirrii hin beeyne, nama biraatiif kennuu danda'a.
Yoo wal dhabdeen isin gidduu mudate, account keessan cabsuu danda'a.
Yoo bilbila ykn laptop keessan irratti barreessitan, hatamuu danda’a.
Kanaaf, paaswordii keessan nama hin beeyneef hin kenninaa!
3. Account Keessan Recovery Kontakii Hedduu Haaqabachuu
Hedduu keenyatti, email tokko qofa fayyadamnee account baneerra. Garuu, yoo email sana irraanfanne ykn jalaa bade, account keenya deebisuu hin dandeenyu. Kanaaf, account keessan eeguuf:
Email lama ykn sadii fayyadamaa.
Lakkoofsa bilbilaa lama galchaa.
Yoo email keessan tokko bade, kan biraa fayyadamuun recover godhuuf carraa qabaachuu qabdu.
4. Yeroo Yeroo Paaswordii Jijjiiraa
Paaswordii keessan ji'oota muraasa booda jijjiiruun eeggannoo gaarii dha. Yeroo jijjiirtan:
Old sessions keessaa bahaa (Log out of all sessions).
Paaswordii haarawa tolchaa.
Jijjiiruu booda bakka itti barreessitan hin qabatin.
Akkamitti SESSION Account Keenya Irraa Balleessuu Dandeenya?
Menu → Setting and Privacy → Setting → Security and Login
Bakka "Where You're Logged In" jedhu keessa seenaa.
"Log out of all sessions" jedhu irratti cuqaasaa.
Kun hojii salphaa ta'uu danda'u garuu account keessan akka hatamuu hin dandeenyeef murteessaadha.
5. Two-Factor Authentication Fayyadamu
Kunis toftaa nageenyaa baay’ee barbaachisaa dha. Yoo namni tokko password keessan fi email keessan sirrii galchuu danda’e illee, hin seenamu. Sababni isaa, Two-Factor Authentication irratti bilbila keessan irratti koodii erga.
Akkamitti Two-Factor Authentication Banachuu Dandeenya?
Menu → Setting and Privacy → Setting → Security and Login
Two-Factor Authentication → Use Two-Factor Authentication
Akka isin gaafatu guutaa → "ON" godhaa.
Xumura
Facebook account keessan eeguuf toftaa armaan gadii fayyadamaa:
Paaswordii jabaataa fayyadamaa.
Paaswordii keessan nama biraatiif hin kenninaa.
Recovery contacts hedduu qabachuu.
Yeroo yeroon paaswordii keessan jijjiiraa.
Two-Factor Authentication fayyadamuun ittiin of eeggadhaa.
Facebook account keessan akka hin hatamne eeggannoo cimaa gochuun barbaachisaa dha. Namoota "My Facebook account ha**ed" jedhu hedduu arga. Garuu, sirna nageenyaa yoo sirriitti tolchan account keessan eeggachuu ni dandeessu.
Waan dubbiftanif galatoomaa! Yaada keessan naaf qoodaa!
0 Comments