Beekuu Fi Beekkamuu

 

Beekuu Fi Beekkamuu

Saba Keenya keessa haga ammaatti namni beekuu caalaa Beekkamuuf tattaaffata, Haa tahuu malee Beekkamuun Beekuun dura miidhaa daangaa hin qabne namarraan gahuu danda'a.
Beekuuf Beekkamuun wal adda, Namni Sammuu qabuu immoo beekkamuu osoo hin taane beekuu dursa.
Barreeffama biloogii kana keessatti Miidhaa Beekkamuun Beekumsa dura fidduu fi Bu'aa isaas Wal duraa Duubaan Ilaalla.

Beekkamuu

Beekkamuu jachuun Karaa Kamiyyuu fayyadamuun Namoota Birattai Mullachuu yoo tahu, innis Karaa Lammaan Beekkamuu dandeessa,

1ffaa. Namoonni Si dura Hordftoota qaban Gaafa Si Beeksisanii fi
2ffaa. Sooshiyaal Miidiyaa Mataa keetiin Ogummaa Kee Mullisuuni

isaan Lameen armaan Olii karaalee namoonni Bayyeen ittiin Beekkamtii argatan yoo tahu, Innis Miidhaa fi Bu'aa Mataa isaa qaba.
mee Miidhaawwanii fi Bu'aan Beekkamtii Karaa Lameen kanaan Arganne Haal Armaan Gadiin Haa Ilaallu.

Bu'aa


Karaalee lamaan Sooshiyaal Miidiyaa Irratti ittiin Beekkamnu Keessaa inni tokkoffaan Karaa Warra Hordoftoota Gurguddaa si dura turanii fi akkasumas Mataa keetiin tattaaffatte beekkamtu Bu'aa Daangaa hin qabne qabaata, isaan Keessaa Muraasni Kan Armaan gadii kana.

Beeksisa Hojjachuun Mallaqa Dabalataa akka eagattu si taasisa.
Namoota Biratti Kabajaa fi Jaalala siif kenna,
Dhageettii aragchuu fi akkasumas Gaafa sooshiyaal Miidiyaa irratti hordoftota horatte Amanamummaa Guddaa argachuu dandeessa.
Haa tahuu malee akkuma Fayyidaa qabu Miidhaan isaa ni caala.
Keessaafuu Yeroo ammaa Namoonni Bayyeen osoo Beekumsa ykn Ogummaa Hin qabne Beekkamtiif Dhamaatii Guddaa godhu, kun immoo Miidhaa Guddaa namarraan Gaha, Mee Miidhaawwan Beekkamuun Beekumsaan Alatti qabutti Haala armaan Gadiin Haa ilaallu:

Miidhaa


Namni Tokko Osoo Beekkumsa ykn Ogummaa hin qabne beekkamuun Miidhaalee akka Hanqina Maallaqaa, Dandeettii ykn Ogummaa nama Biraa Humnaan seenuu, Haasaa wallaaluu, Dalagaa Biraa tuffachuu Ykn Sodaachuu, Of tuulammaa fi Hanqina Namoota Kaan Irraa birachuu Dadhabuu fi Kanneen kana Fakkaatan Dabala.
Kun immoo isaan Muraasa.

Beekuu


Beekumsa immoo Bu'uura waan Hundaati, Of Beekuun, Maalummaa Ofii Beekuun, Maaliif akka Uumamte Beekuun, Ogummaa kam Akka qabdu Beekuunii fi Wantoota ijoo irratti Xiyyeeffattee of Guddisuuun Beekumsa Ja'ama.
Namooni Tokko Beekkamtii qabaateef Beekaa Ja'amuun Hin danda'amu, Garuu Gaafa Beekumsa Guddifatte Beekaa taate Beekkamuus Dandeessa.

Kanaaf Dhaloonni Ammaa Kun Beekkamuu dura Caalaa Beekkumsa Irratti Xiyyeeffachuun Baayyee Murteessaadha.

Ati Beekumsa Feete Moo Beekkamuu Dura Filatta??

Goolaba.

Walumaa Galatti Beekkkamuuf dhama'uu Caalaa Waan Beekkamuu qabduun Beekuuniis Baayyee filatamaadha, Beekkamtee Broke tahuu irra Beekumsa Kuufattee Beekkamuun Waaan Maraaf Nu Gargaara.
kanaaf Beekkamuu Caalaa Beekuu irratti Xiyyeeffadhu.

Post a Comment

0 Comments