Akkaataa Thumbnail YouTube ittiin Hojjannu

 

Akkaataa Thumbnail YouTube ittiin hojjannu dura " Thumbnail" jachuun maal akka tahee fi faayidaan isaahoo maal akka tahe haa ilaallu.

Thumbnail jachuun YouTube tahee Facebook akkasumas sooshiyaal miidiyaa biroo irratti viidiyoo gubbaatti bifa footoon kan kaayamu yoo tahu,inniis maalummaa viidiyoo keetii bifa barreeffamaanii fi footoon dimshaashumatti kan ibsuudha.

Fakkeenyaaf, namoonni yeroo YouTube chaanaalii eegalan, footoo gabaabduu kan YouTube irratti maxxanfamu,kan maalummaa viidiyichaa guutummaan guututti sii ibsu, Thumbnail ja'ama.

Faayidaan Isaa Maali??
Akkuma beekkamu, namoonni Thumbnail ykn footoo sana karaa youtube, Facebook fi kkf irratti fayyadaman,keessaahuu footoo ykn Thumbnail qulqulluu fi kan akkaan mullatu yeroo fayyadaman faayidaawwan armaan gadii qaba.
1ffaa. Namoonni baayyeen viidiyoo kan kee akka ilaalu taasisa.

  Fkn. Viidiyoo nuti hojjannu irratti Thumbnail keenya akkaan qulqulluu fi attract ykn kan nama harkisu yoo tahe,namoonni viidiyoolee danuu keessaa isa akka filatu taasisa jachuudha.

Kanaaf viidiyoon keenya View baayyee akka argannuuf baayyee nu gargaara.

2ffaa. YouTube irratti rank ykn sadarkaa duraa akka qabatuuf gargaara.
Kana jachuun, Thumbnail keenya yeroo qulqulluu fi kan nama hawwatu tahe, youtube viidiyicha suggest akka godhuuf gargaara.

3ffaa. Namoota harkisuu fi kkf faaf baayyee nu fayyada.
Thumbnail ykn footoo YouTube keenyaa fi Facebook, akkasumas sooshiyaal miidiyaa hojjachuun baayyee salpaadha
Viidiyoon armaan gadii akkamiin akka Thumbnail keenya ittiin hojjannu walduraa duubaan nu barsiisa.

Viidiyoo armaan olii haga dhumaa daawwachuun akkaataa Thumbnail YouTube fi sooshiyaal miidiyaa biroo bifa salpaa taheen ittiin hojjattan baruu dandeessu.
Viidiyioo armaan olii keessatti Thumbnail ykn footoo YouTube kan armaan gadii haala salpaa taheen hojjadheera.
Haalaan ani hojjadhe kanaan, isiniis hojjachuu no dandeessu.
Barreeffamni kun yoo isinitti tole namoota biroof share akkasumas yaada keessan karaa comment naaf kaayuu hin dagatinaa!!

Akkamiin Hojjachuu Dandeenya??

Akkam miidhaga?

Walumaa galatii thumnail faayidaa hedduu youtuberootaaf qaba, kanneen keessaa tokko viidiyoookeenya akka viral tahee namoota hedduu bira gahuuf gahee guddaa taphata.fakkeenyaaf namoonni hedduun keessa viidiyoo osoo hin hubatin thumbnail bareedaa arginaan vidiyoo kee filata jachuudha.kanaaf yeroo viddiyoo maxxansinu thumnail haal aramaan oliin hojjachuun baayyee murteessaadha.

Afaan Oromoo haa guddisnu.

Waan dubbistaniif baayyee galatoomaa!!


Post a Comment

2 Comments